Coming soon!

This language is currently in review and will be available soon!

Gaaffilee irra daddeebiin gaafataman

Piroojektiin dildil, piroojectii qu’annaa fi qorannaa kalaqaa (innovation) miirawummaa aad-amantaawaa fi hiraarsa mana keessaa hir’isuu (xiqqeessuu) biyyoota Itiyoophiyaa fi UK gabbisuu fi cimsuuf dhaabame (hundeffamee) dha. Piroojektichi haala fudhannaa ilaalcha aad-amantaawaa miidhamtootaa fi yakkamtootaa dhaabbataatti irratti hojjechuun fi haallan fudhannaa ilaalchota kanniin koornayaa, meeshaa fi xiin-sammuu haala hiraarsa mana keessaa mijeessuu yookan immoo faccisuuf (dhaabuuf) fayyadan waliin ittiin walitti dhufan hubachuun hawaasa amantaa qabu galma taasifachuun malleen dhiyeessii walabummaa dagaagsuu barbaada. Proojektichi miiltoowwan hawaasa baadiyyaa fi magaalaa biyyoota Itiyoophiyaa fi Ertiriyaa waliin hojjechuun malleen dhiyeessii qu’annaa fi qorannaa fi giddu-galummaa haaraa uumuu fi tarsiimoowwaan tajaajila hiraarsa mana keessaa fi hawaasa xiqqaa (lakkoofsaan) fi godaantota UK keessa jiran waloomsuuf (tokkoomsuuf) fayyadan daran (caalmaatti) deeggaru beeksisuuf beekumsa kanatti fayadamuu barbaada. Piroojektichi gamtaa hoggantoota fuul-duraa UKRI (Grant Ref: MR/T043350/1) fi fandii dabalataa faawundeeshinii Harry Frank Guggenheim irraa argamuun deeggarama (Distinguished Scholars Award 2019).

Jechi ‘dildil’ jecha afaan Tigriffaa isa biyyoota lamaanuu Itiyoophiyaa fi Ertiriyaa keessatti dubbatamu yommuu ta’u, hiikni isaas RIQICHA jechuu dha. Jechichi hiraarsawwan mana keessaa akka aad-amantaawaa adda addaatti raawwatamaniif mala dhiyeessii daran wal-utubaa fi walitti hidhataa ta’e galmaan gahuuf kaayyoo walitti fiduu barnootaawwaan adda addaa, dirrawwan hojii fi qooda fudhattootaa kan dimshaasheessu dha. Kaayyoolee beekumsa aadaawwan baay’ee keessa jiraniif karaa wal-jijjiirraa beekumsa kibba-kaabaa fi fakkeenya yaad-rimaawaa qopheessuun akkasumas malleen dhiyeeessii too’annaawaa hojii irra oolmaa fi qu’annaa dhimmoota hiraarsa koornayaa irratti xiyyeeffate fi hiraarsa mana keessaa isa idil-addunyaan wal-biratti adeemsisuun beekkamtii kennuu fi ol’aantummaa seenaa hawaasa kaabaa garagalchuu piroojektichaas ni calaqqisa.

Asxaan (logo) kun obboo Daani’eel Dastaa jaarmiyaa beeksisaa DDN isa Finfinnee keessatti argamuun wixineeffame (designed). Obboo Dastaa fi Dr. Istiraatiin galma keenya kan ta’e hiraarsa mana keessaa bifa bu’aa qabeessa ta’een irratti dalaguuf asxaa dirrawwan hojii haala amantaa gaarii irra jiran keessa hojjechuun ariifachiisaa ta’uu isaa ibsu fi mul’ata piroojektichaa bifa milkaa’aa ta’een ibsu uumuuf waliin hojjetu.

Golboon adiin fedhii hojii piroojectichi gareewwan qooda fudhattootaa, barumsawaan yaad-rimaawaa fi seektaroota adda addaa waliin hojjechuuf riqicha ittiin wal-hidhatu kan bakka bu’u yommuu ta’u; inni diimaan immoo halluun isaa bifa dhiigaa akkuma ta’e hundatti badii fi miidhaa hiraarsa mana keessaatiin gahu ibsa. Baalli gugurraachaan immoo bakka bu’aa imimmaanii ti.

Dameewwan ciccimoo riqicha irraa ol guddatan immoo abdii fi sochii gararraa bakka bu’a. Dameen kuun kaan waliinis kan wal-xaxe dha. Innis walitti dhufeenyaa fi wal-utubbii hojimaat-gargaartuu hiraarsa mana keessaa walitti hidhatiinsa qabuu fi hawaasa amantaa garaa garaa keessa jiru galmaan gahuuf karaa piroojektii kanaan uumamee dha.

Piroojektichi michuu hojii hoggantoota fuul-duraa UKRI Dr. Roominaa Istiraatii hundeeffamee hogganamaa fi Mana Barumsaa Seenaa, Amantaa fi Falaasamootaa Yuunivarsitii SOAS Landanitti hojii irra oolaa jira. Dr. Roominaa Istiraatiin akka hoggantuu abuurtuu (PI)tti sochiiwwan qu’annaa fi qorannaa, dhagna godhachiisuu fi wal-jijjiirraa beekumsaa hogganuuf Akasumas, walitti dhufeenya hawaasa michuuwwanii, miiltoowwanii fi qooda fudhattootaa wal-amantaa irratti hundaa’e cimsuuf itti gaafatamummaa qabdi/qaba. PI’n bulchiinsa hojii adeemsistuu Piroojektii hawwachiisaa sa’aatii idil-alaa kan ta’aniin Ad. Esteelaa Papagiyaaniin deeggarama.

Piroojektichi qu’annaa PhD kan yeroo dheeraa naannoo Tigraayi/Itiyoophiyaatti Dr. Istiraatiin qopheesse/ssite irraa ka’uun dagaagaa fi cimaa kan dhufe fi sagantaalee gorsaa fi marii baroota dheeraa michuuwwanii fi miiltoowwan Akusimii, Maqalee fi Finfinneetti jiran waliin adeemsifamaniis kan calaqqisuu dha. Innis michummaa duraaniis haaraa dhaabbilee barnootaa mootummaa fi mit-mootummaa yuunivarsitii Akusim (Akusim, Itiyoophiyaa), koolleejjii Afuurawaa St. Fireemnaaxoos (Abbaa Salaamaa Kasaatee Birihaan) (Mekele, Itiyoophiyaa), Waldaa Dubartoota Ogeeyyii seeraa Itiyoophiyaa (Finfinnee, Itiyoophiyaa), Komishinii gargaarsaa fi misooma Manneen Kiristaanaa Ortodoksi Itiyoophiyaa(Finfinnee, Itiyoophiyaa), Dhaabbata Diversity Resource International (DRI), (Bringtan, UK), Yuunivarsitii Biristool (Bristool, UK) fi Yuunivarsitii Sheefildii (Sheefild, UK) waliin jiruu fi jiraachuu qabu kan gabbisuu dha.

Gareen piroojektichaas ogeeyyii ol’aanoo fi miiltoowwan teeknikaa dandeettiiwwaan adda addaatiin piroojektichaa deeggaran akkasumas Koree Dhaabbataa Gorsaa; gabaabumaatti kanneen fuula ‘Waa’ee keenyaa’ irratti tarreeffaman hunda of jalatti hammata.

Toorri Intarneetii (website) kun gareewwan qooda fudhattootaa piroojektii kanaa walitti dhiyeessuu fi beekumsa dirrawwan hojii gidduu fi barnootaawan gidduu jiru dagaagsuu fi wal-utubbii haaraa cimsuuf waltajjiiwwan odeeffannoo fi wal-jijjiirraa beekumsaa qopheessuun haala tima tarsiimoo piroojektichaa mijeessuu kaayyeeffata. Hojiilee dhaabbatoo qu’annaa fi qorannaa, mudannoowwan hubannaa uumuu fi sichiiwwan wal-jijjiirraa beekumsaa irraa argamanis ni maxxansa. Fuula dhaabbataa qabeenyaa; maxxansa qabeenya kaayyeeffatee qooda fudhattoota murtaa’oo kanneen akka hayyoota Dubbii Waaqayyoo fi duuka buutota fi ogeeyyii ol’aanoon fi qu’attoota hiraarsa mana keessaatiin qophaa’anis of-jalatti hammata. Qabeenyonni baay’een isaanii kan biyya keessaa yommuu ta’an, kan hafan immoo qu’annichaaf barbaachisummaa guddaa kan qabanii fi malleen dhiyeessii idil-addunyaa fi hawaasa amantaa waliin ta’uun hiraarsa mana keessaa xiqqeessuu kan hubachiisanii dha. Piroojektichi qabeenyonni (kan barreeffaa) jalqaba maxxanfaman afaan hawaasichi fi qooda fudhattootni kaayyeefataman fayyadamaniin yoo ta’e illee, hojiiwwan Amaariffaa, Tigriffaa fi Ingiliffaan qophaa’an keessattis maxxansuu barbaada.

Kaayyoolee piroojektichaa bu’uurawwan qabeenyaa toora Intarneetii keenya irra jiran luboota, duuka buutota, gorsitoota, tajaajiltoota dhimma hawaasummaa, qu’attoota, ogeeyyii ol’aanoo, fi qooda fudhattoota hiraarsa mana keessaa irratti hojjetan fi safartuuwwan aad-amantaawaa hojii isaanii keessatti fayyadamuu isaanii gammachuun fudhatan waliin qooduun deeggaruu dandeessa.

Hojiiwwan kan kanaa olii fakkaatan irratti dhuunfaan kan hojjettu yoo taate esseyoota toora Intarneetiif ta’an gara toora Intarneetii piroojektichaa haala qoodinsa beekumsaa fi muuxannoo haaraa ijoo piroojektichaa mijeessuuf kaayyeeffatee qophaa’etti galchuus yaada keessa galchuu qabda. Yaada dabalataaf qajeelfama toora Intarneetii ilaalladhu. Toorri Intarneetii kun bu’aawwan suur-sagalee dabalatee hojiiwwan kamiyyuu ni fudhata.

Garee marii piroojektichaa DV-Gender-Faith (JISCMAIL) hawaasa amantaawaa waliin hiraarsa mana keessa irratti hojjechuu, shaakala gaarii walta’uun gabbisuu fi malleen dhiyeessii walitti hidhatiinsa fooyya’aa ta’an dagaagsuuf ogeeyyiin ol’aanoo, qu’atootni fi qooda fudhattootni Afuurawoo qu’annaa fi qorannaa, muuxannoo fi leecalloowwan leenjii haaraa ta’an qooduu akka danda’aniif yaadamee qophaa’e keessatti hammatamuu kees ni jaalatta.

Piroojekticha ilaalchisee gaaffii walii galaa dhiyeessuuf ykn michummaa haaraa uumuu yoo barbaaddan email piroojectichaaf qophaa’ee soasflf@soas.ac.uk ‘n wal-qunnamuu dandeessa. Itti gaafatamtuu ol’aanaa, Dr. Roominaa Istiraatii kallattiin dubbisuu yoo barbaadde immoo ri5@soas.ac.uk ‘n barreessuu dandeessa. Miseensa garee toora Intarneetichaa irratti tarreeffaman abbaa argachuu barbaadde kamiyyuu waliin haasawuuf email piroojektichaaf qophaa’e fayyadamuun nama barbaadde ibsuun  barreessi. Sa’aatii hojiin ala yoo ta’e ykn saffisni Intarneetii yoo gad-aanaa si jalaa ta’e guca ‘Contact’ isa isa fuula toora Intarneetichaa irratti argamu al tokko cuqaasuun fayyadami.