Qajeelfamoota Toora Intarneetii
Piroojectiin dldl walitti dhufeenya dirrawwan hojii fi gareewwan qooda fudhattoota ta’an gidduu haala mijeessuun fi wal-jijjiirraa beekumsa aadawaa (kan biyya keessaa) Kaaba-Kibbaa jajjabeessuun kaayyoo isaa galmaan gaha. Keessumayyuu, yaad-rimeewwan fakkeenya ta’an fi hallan dirqisiisoo idil-addunyaa qopheessuun qu’annaa fi hojii irra oolmaa hiraarsa idil-addunyaa fi hiraarsa saalaa biyyooleessaa (kan mana keessaa) hojjechuun ol’aantummaa seenawaa hawaasa Kaabaa qolachuu barbaada.
Toorri Intarneetii kun kan hundeeffame kaayyolee kana galmaan gahuuf fi beekumsa haaraa qabiyyee piroojecticha waliin wal-fudhachiisuuf haala mijeessuu dha. Dhiyeessiiwwan piroojekticha waliin walitti dhufeenya qaban pieces dabaltee haguuguuf dhiyeessitoonni (booji’amtoonni/submissions) ni danda’u. Sakatta’amaniiru:
- Wal-simannaa ilaalchota amantaawaa, fayyaa xin-sammuu namaa, fi hiraarsa mana keessaa (biyya keessaa)
- Mala dhiyeessii Lubummaan, barumsi Dubbii Waaqayyoo (theology), ilaalchi amantaawaa ykn ulaagaaleen amantaawaa hiraarsa mana keessaa (biyya keessaa) irratti akka birmatan gochuu (tokkoomsu) keessatti Giddu-galummaa, deeggarsa xiin-sammuu fi tooftaalee bu’aa qabeessummaa maddisiistota yaada haaraa ittiin madaalan
- Dhimma koornayaan, fuudhaa fi heerumaa akkasumas hiraarsa mana keessaan, (biyya keessaan) wal-qabatee lubootaa fi hirmaattoota yaa’iif leenjii fi hubannaa cimsu qopheessuu, haala mijeessuu
- Muuxannoowwanii fi duub-deebiiwwan waa’ee hiraarsa mana keessaa sabootni xixiqqoo (baay’ina miseensaatiin) fi godaantotni qaban michuuwwaan dhimma koornayaa fi amantaaf si’aa’inaan addeeffamaniiru.
Qopheessitoota hojiilee toora Intarneetii ogeeyyii qu’annaa fi qorannaa, ogeeyyii fayyaa fi seeraa, ogeeyyii xiin-sammuu, tajaajiltoota hawaasummaa lubootaa fi barattootaa, fi dammaqsitoota uummataa keessaa akka guutuu adduynaatti afaanii fi akaakuu abbaa fedhe irraa ni affeerra. Hojiileen dhiyaatanis qu’annoowwan hojii irra oolmaan isaanii kan ragga’e, barumsawwan fi bu’aalee qu’annaa sagantaawwan jaarmiyaa (organizational programmes) irraa argaman, muuxannoowwan ilaalcha saayinsawaa sabootaa iddoo isa ilaallatu; ykn eddattoowwan hawwachiisoo gad-fageenyaan yaaduu hawaasicha keessatti uumuuf kaayyeeffate qooda fudhattoota adda addaa nuti waliin qabsiisuu barbaadnu irraa kan ta’anii dha.
Maddisiistota yaada walabummaa (bilisummaa) kan nuti deeggarru; poostaroota, walaloowwanii fi mudannoowwan gaggabaaboo dabalatee gumaachi barreeffamaa, kan sagalee fi suur-sagalees ni simanna. Gumaachi barreeffamaa qajelfamoota kanaa gaditti tarreeffaman kan giddu galeeffate ta’uu qaba. Eddattoowwan sagalees kan suur-sagalees qajeelfama galii godhamuu danda’uu eegu qaba. Kunis maxxansoota miira walabummaa qaban waliin kan wal-simatan ta’uu qabu.
Gumaachawwan kanaa olitti tarreeffaman galchuuf fedhii yoo qabaattan email piroojectichaa soasflf@soas.ac.uk dhaan wal-qunnamuun yaada wal-jijjiiruu fi wayitii yeroo isaa irratti walii galuun ni dandeessu.
Bu’aawwan barreeffamaa
Dheerinni barreeffamaa: baay’ina jechoota 800 fi 1200 gidduu ta’an ta’uu qabu. Kan kana irraa dheeratu galchuu barbaadnaan qindeeffama isaa irratti mari’achuuf garicha waliin wal-qunnamaa (contact).
Ulaagaaleen (daangaan) barreeffamootaa: barreeffamoonni galan marti Word File New Roman’n, hammi qubee (font size) 12 fi bakkeewwa banaa dachaa ta’uu qaba. Barreeffamootni wabiis bakka barbaachisuutti bifa hyperlink’n ta’uu qaba; kunis haala dhiyeessii kitaabolee wabii eegaan ta’a. Barreessitootni maddaawwan banaa dubbistootni keessattuu UK’n ala jiran hundaaf haala gahuu danda’uun akka fayyadamn ni jajjabeeffamu. Wabiin kitaabaas tooftaa APA kan eege ta’uu qaba (https://apastyle.apa.org/style-grammar-guidelines/references/examples#textual-works). Yaadolee kallattiin fudhataman (kanneen akka dhugaa bahiisaa) qoodduuwwa fugguu barreeffaman lamaan barreeffamuu qabu. Yaadonni kallaattiin waraabbaman jechoota afurtamaa ol yoo ta’an bitaa fi mirgaan cm 1 fagaachuun fi qoodduu malee barreeffamuu qabu.
Walii galtee qubeeffannaa Ingiliffaatti fayyadamuuf qajeelfamoota tooftaa dhiyeenyatti argaman fayyadamaa. Afaanota biroof garuu daangaan nuti keenyu hin jiru. Haa ta’u malee, barreessitootni filmaata sirna qubeeffannaa fi fooftaa barreeffamaa xiyyeeffannaa guddaa kan kennan ta’uu qabu.
Naamusa (ethics) istaandardiiwwan: qabiyyeewwan marti naamusa gaarii fi istaandardii amansiisaatiin kan gabbatanii kan bakka bu’an akkasumas qu’annaawwan hiraarsa mana keessaa fi hojiirra oolmaa idil-addunyaa kan giddu galeeffatan ta’anii dhiyaachuu qabu. Odeeffannoowwa kanaan dura toora Intarneetii irratti tajaajilan bu’uura eegumsa odeeffannoo ammeetiin mijeeffamaniiti faayidaa irra ooluu kan qaban. Istaandardoonni kun maal akka ta’e hubannoo yoo hin qabaatin gumaacha keessan dhiyeessuu yommuu qophooftanitti garee piroojectii waliin mari’achuu qabu.
Eeyyamaa fi Mirga Abbummaa: beekkamtiin/abbummaan barreessitootaaf kan kennamu yomuu ta’u, maqaa eeyyama uummata idil-addunyaa Creative Commons Attribution-NonCommercial (CC BY-NC 4.0) jalattis ni maxxanfama. Kun jechuun qopheessitootni barreeffama sanaa mirga abbummaa guutuu qabaatu. Garuu, jalqaba hojii isaanii toora Intarneetii piroojektichaa irratti maxxanfuuf walii galu. Jechuunis namni kamuu hojii sana haala fedheen fayyadamuu danda’a; garuu, dadalaaf hin eeyyamamu. Mirgi abbummaan kun qopheessaa hojii sanaa hojii isaa fedhii daldalaatiin alatti sirreessuu fi gabbisuu isa dandeessisa. Hojiin haaraan sun toora Intarneetii piroojectichaaf maxxansaa jalqabaa akka ta’u fi haala daldalaan ala ta’een akka fayyadamu beekkamtii kennuu qaba (must). Ta’us, hojiin wal-fakkaataa walii galtee walfakkaataa qabaachuu hin qaban.
Hojiiwwan sagalee fi suur-sagalee
Gosoota Gumaachaa: hojiiwwan bifa sagaleen dhiyaatan seeneessa gabaabaa, faaruu, afoola, ilaalcha dhuunfaa, sonaawwan qu’atamoo hawaasa tokkoo, deeb-gaaffii ykn waliin dubbii waraabbamee, k.k.f. dha. Hojiiwwan suur-sagalee garuu, suuraa qeenxees baay’ees, fakkiiwwa adda addaa, poostarootaa fi odeeffannoowwa bifa suuraatiin dhiyaatan ta’uu danda’u.
Dheerina: hojiiwwan sagalee daqiiqaa 20 ol ta’uu hin qaban (yoo dhimmi daqiiqaa dheeraa fudhachuun isaa dursa itti kenname malee). Gumaachaawwan suuraa garuu yoo baay’ate suuraawwan 10 qabaatu. Kunis maqaa (ibsa) suuraa fi barreeffamoota seensaa gabaabaa /gaggabaaboo/ qabiyyee suuraawwanii gabaabsanii kan ibsan[1] ta’uu qaba. Hojiiwwan hunduu kaayyoo piroojectichi fi toorri Intarneetii hundeeffamaniif kan dhaabbatani deebii kennuu danda’an ta’uu qabu.
Foormaatii ittiin dhiyeessan: gumaachitootni hojii akkaawuntii bilisaa abbaa hojii sana ta’uu isaanii ittiin adda baafamu akka qopheessan gorfamu. Sagaleen waraabbaman divaayisii (meeshaa) dhuunfaa irratti qophaa’uu fi sanaan booda formaatii fudhatama qabuun sound cloud irratti ni maxxanfama. Si’a tokko maxxanfamnaan qopheessitootni hojii sanaa liinkii isaa koppii godhanii toora Intarneetii irratti maxxansuuf gara garee keenyaatti ergu. Gumaachawwan suuraa formaatii jpeg ykn jpg’n erguu qabu. Yookaan immoo odeeffannoowwan paakeejiiwwan MS Office’n (fkn. Word, Excel or another design tool) bifa mu’achuu danda’uun fi qulqullinni isaa bifa beekkamuu danda’uun erguu qabu.
Naamusa (ethics) istaandardiiwwan: qabiyyeewwan marti naamusa gaarii fi istaandardii amansiisaatiin kan gabbatanii kan bakka bu’an akkasumas qu’annaawwan hiraarsa mana keessaa fi hojiirra oolmaa idil-addunyaa kan giddu galeeffatan ta’anii dhiyaachuu qabu. Odeeffannoowwa kanaan dura toora Intarneetii irratti tajaajilan bu’uura eegumsa odeeffannoo ammeetiin mijeeffamaniiti faayidaa irra ooluu kan qaban. Istaandardoonni kun maal akka ta’e hubannoo yoo hin qabaatin gumaacha keessan dhiyeessuu yommuu qophooftanitti garee piroojectii waliin mari’achuu qabu.
Gumaachitootni wanta dhiyeessan sana irratti mirga ittiin fayyadamuu qabaachuu qabu. Maqaa eeyyama uummata idil-addunyaa Creative Commons Attribution-NonCommercial (CC BY-NC 4.0) jalattis ni maxxanfama. Kun jechuun qopheessitootni barreeffama sanaa mirga abbummaa guutuu qabaatu. Garuu, jalqaba hojii isaanii toora Intarneetii piroojektichaa irratti maxxanfuuf walii galu. Jechuunis namni kamuu hojii sana haala fedheen fayyadamuu danda’a; garuu, dadalaaf hin eeyyamamu. Mirgi abbummaan kun qopheessaa hojii sanaa hojii isaa fedhii daldalaatiin alatti sirreessuu fi gabbisuu isa dandeessisa. Hojiin haaraan sun toora Intarneetii piroojectichaaf maxxansaa jalqabaa akka ta’u fi haala daldalaan ala ta’een akka fayyadamu beekkamtii kennuu qaba (must). Ta’us, hojiin wal-fakkaataa walii galtee walfakkaataa qabaachuu hin qaban.
Latest Posts
- Project dldl/ድልድል docudrama Tidar (Marriage) International Trailer Released 7 September 2023
- Empowering Women: How the Aurora Advance Programme Reignited my Strength and Purpose as a Female Professional in Higher Education 31 July 2023
- Feature on Dr Romina Istratii’s life and work 20 July 2023
- Project dldl/ድልድል received its first donation from the Hertfordshire & Essex High School and Science College 20 July 2023
- Project dldl/ድልድል Co-Investigator Professor Parveen Ali and Dr Michaela Rogers co-edit and publish new comprehensive guide on Gender-Based Violence 14 June 2023
- Conference Proceedings of Project dldl/ድልድል – EMIRTA Annual Conference held in Addis Ababa, Ethiopia Now Published 26 May 2023
- Project dldl/ድልድል and Ethiopian counselling organisation Fnot launched pioneering project to develop a faith-sensitive counselling model for domestic violence-affected groups in Ethiopia 5 April 2023
- The Intersections of Religion, Culture and Domestic abuse: A Study of Rural Eastern Cape Province in South Africa 9 December 2022
- The choice between being a real man, a loving partner and a respected head of the family: a study on masculinity, religiosity and IPV in Zambia 18 August 2022
- Project dldl/ድልድል Principal Investigator collaborates with UK- and Ethiopia-based filmmakers to produce multilingual docudrama on domestic violence in Ethiopia 4 August 2022
- Programme summary and evaluation report published: Training Ethiopian Orthodox clergy to respond to domestic violence in Ethiopia 20 June 2022
- Project dldl/ድልድል and EOTC DICAC held an all-Amharic interfaith meeting on domestic violence with religious leaders in Ethiopia 20 June 2022
- Dr Romina Istratii participated in Egypt interfaith retreat on the environment, diversity and heritage, 7-11 May 2022 21 May 2022
- Project dldl/ድልድል completes week-long ‘refresher’ trainings on domestic violence with 155 clergy previously trained in Amhara region, Ethiopia 4 April 2022
- Project dldl/ድልድል Launches New Podcast Series on Domestic Violence in Ethiopia 15 March 2022