Coming soon!

This language is currently in review and will be available soon!

Tima

Tima ilaalchisee mala dhiyeessii nuti qabnu

Tima ilaalchisee mala dhiyeessii nuti qabnuTimni keenya kan maddu timawwan armaan dura irra deddeebiin hijii irra oolaa turan ykn hiikamaa turan tooftaalee kanneen akka Eurocentric, Programmatic, short-sited irraayi. Amala Piroojectiin kun kaayyeeffate isaan kana dhiisuu dha. Ka’uumsi keenya inni ijoon yaad-rimee ykn falaasama Gidduu galuu hiika qabeessa fi tima qabeessa ta’e fi hundee isaati irraa ragaalee qabatamoo fi muuxannoowwan jireenya keessa darbaniin kan deeggaramuu dha. Qu’annaan hiraarsawwan mana keessaa irratti tasifame Eurocentric hunda galeessaa keessa kan ramadamu ta’ee, hiraarsi mana keessaa yommuu uumamu maal fa’a of-duubaatti qabatee dhufa, ykn hidda dheereeffatee akka turu kan isa taasisu maali dha, akkasumas namoota fi hawaasa ittiin miidhame fi dhugaa jireenya guyya guyyaa irraa yommuu fagaatu faayidaa fi hojii irra oolmaan isaa shakkisiisaa ta’a.

Piroojectiin amma jiru bu’aa qu’annaa-yeroo dheeraa itiyoophiyaa keessatti dhugaalee qabatamaan hiraarsa mana keessaa deegaran hubachiisu fi amantoota fi luboota waliin adeemsifamee dha. Muuxannoon sun saaxilamtoota hiraarsa mana keessaaf akkasuma yakkamtootaaf deebii kennuun wal-qabatee qophaa’ummaa lubootaa dagaagsuun bu’aalee gaggaarii fi barbaachisoo argamsiisuuf qoodafudhattoota amantaa fi amantaan alaa kan walitti fiduu isaaf ragaa nuuf ta’a.

Malleen dhiyeessii qindaa’aan fi naanoodhuma barbaadame irratti bu’uureeffatan hun deeggarsa, ogummaa fi fedhii guutuu qu’attootaa fi ogeeyyii, qooda fudhattootaa fi hawaasaan ala galmaan gahuu hin danda’u. Kanaafuu, piroojectichi mala dhiyeessii michummaa marii waliinii, ibsa dhuunfaa fi fayyadamummaa waliinii isa shariikummaa dagaagina ogummaa qaamolee kamiyyuu mirkaneessu lafa qabsiisuuf kan kutatee ka’e dha. Gareen misoomuun/dagaaguun tima ijoo kaayyoo piroojektii kanaa ti.

Piroojektichi paakeejiiwwan gooree timaa kaayyoolee sadan kana irraa maddaniin kan hogganamu ta’us; akkuma qarqaartota, qooda fudhattoota fi koreewwan biyyoota Itiyoophiyaafi Ingiliizii keessatti jiran waliin itti fayyadama qabeenyawwan haaraa irratti tima bulchuuf bobbaane hundatti  haallan haaraatiin walbaruu fi dhimmoota haaraa irraa fayyadamuuf hiika TIMAA qu’annaa fi qorannaaf akka ta’u turtii guutuu piroojectichaaf banaa taasifna.

Kaayyoolee piroojektii fi tarsiimoowwan timaa

Kaayyooleen timaa piroojektichaa akka itti aanutii ibsamuu danda’u.

  1. Hiraarsa mana keessaa irratti mala dhiyeessii miira walabummaa gabbisuuf qu’annaa fi qorannaa falaasama biyya keessaatiif dursa kan kennu fi michuuwwaan qu’annaa fi qorannaa bu’aa argattummaa fi fayyadamummaa waliinii irratti bu’uureeffatee dagaagsuu /gabbisuu
  2. Qu’annaa fi qorannaa hiraarsa (violence) mana keessaa fi hojii irra oolmaa isaa keessatti safartuuwwan aad-amantaawaa fi xiin-sammuu kanneen dhaabbatoo ta’an walitti qindeessuu, fi miiraaf dhiyaattummaa aad-amantii hojimaata hiraarsa mana keessaa mootummaa adduynawaatiin fi mit-mootummaan deeggaraman fooyyessuu
  3. Hojii raawwachiistotni amantaawoo booji’amtoota fi yaakkamtoota hiraarsa mana keessaa nama irraan gahan ful-duratti dhaabbachuu akka danda’an akkuma barbaachisummaa isaatti waan isaan barbaachisu mara guuttachuu akkasumas sodaa nageenyaas hir’isuu
  1. Michuuwwanii fi qooda fudhattoota piroojektii waliin hojjechuuf tooftaa waliin dubbii fudhachuu
  2. Malleen dhiyeessii qu’annaa fi gidduu-galummaa keessatti tooftaalee hirmaachisaa, xiin-hawaasawaa fi kan uummata giddu galeeffateetti fayyadamuu
  3. Miseensota garee Itiyoophiyaa fi UK keessatti argaman hundumaaf carraa guddinaa uumuu
  4. Ragaawwanii fi odeeffannoowwan haaraa maxxansuu fi afaan biyyoota piroojekticha keessatti hammataman fayyadamaniin raabsuu
  1. Shora safartuuwwan aad-amantii iddoowwan hojimaata hiraarsa mana keessaa mootummaa adduynawaatiin fi mit-mootummaan deeggaramani itti raawwatamanitti taphatan leenjiin, sagantaalee hubannoo horachiisaniin fi kallattiin wal-qunnamuun (communication) hubannaa isaanii cimsuu fi fooyyessuu
  2. Wal-tajjiiwwanii fi carraawwan karaalee kanneen akka leenjiiwwan tooraalee Intarneetii wal-fuulaatiin, yaa’iiwwan idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti qopheesuun, akkasumas gareewwan marii qooda fudhattootaa mata dureewwan piroojektichaa irratti xiyyeeffatan hundeessuun uumuu
  1. Hanqinoota barnoota mana lubummaa (abinnaatii) fi tajaajila tiksitummaa (noolaawiinnat) wal-qabatanii mul’atan irratti hubannaa jiru dagaagsuuf luboota, hayyoota Dubbii Waaqayyoo (theologians) fi bartoota (duuka bu’ootaa/ seminarians) waliin hojjechuu
  2. Hubannaa Dubbii Waaqayyoo hariiroo kornayaa, bultoo (tidaar) fi hiraarsa mana keessaa, dhugaawwan hiraarsa mana keessaa hawaasa isaanii keessatti mul’atu akkasumas, itti fufuus ta’e hir’achuu rakkinichaa keessatti shora isaan taphatan irratti workishooppiiwwan hawwachiisoo fi hirmaachisoo ta’an qopheessuu
  3. Tajaajila-keniinsa hiraarsa mana keessaa irratti adeemsa baratamaa seera qabeessaa, xiin-sammuu ykn ogummaa addaa fayyadamuun beekumsa hojimaata dabarfannaa fi aaloo (protocol) eegumsa nageenyaa idil-addunyaa lubootaa, hayyoota Dubbii Waaqayyoo fi duuka buutotaacimsuu